Overblog
Edit post Follow this blog Administration + Create my blog
Raabbiirraa Oromiyaa

BY: Tolcha Wegi : Godinaa Shawaa Lixaa Aanaa Jalduu Magaalaa Goojjootii Kabinootni Humna warrana Wayyaanneetin Jiraattoota, Barattoota Irraatti Tarkanfi Fudhataan

May 16 2017 , Written by Raabbiirraa Oromiyaa Published on #Gooticha Waayyaanee salphise, #Iyaaffannoo, #Wal Haa Hubannuu !!!!, #odeeffaannoo

Ararsaa Iddoossaa                                      Yeroo ammaa waraani golleesituu Wayyanee "Fedeerala fii Kora bittineessaa" jechun kan Ajjamaa Beeggiibeekamu itti bobbasudhan dargagoota fii jirattoota magalaa jalduu haalan dararaa Jiru.
Guyyoota Sadeen darban kana keessa haalkan mana seenanii gurudhaan ijoollee 200 ol qabanii bakka isaan geessan amma ammatti osoo hin beekamin Jira.
Gaaffiin barattotaa, "mirgi namummaa kenyaa nuuf haa eggamu" fii "kanneen balleessaa tokko malee, mana hiidhaa keessatti dararamaa jiran haa hikkaman" kan jedhu, akkuma jirutti ta'ee 
daba Kabinoota Jalduu irraa kan ka'een, Ibsaa (ifaa) irraa kuchisisuun akka baratooni sadarkaa olanaa Qoormata isaan, funduura jiru dubbisanii, hin dabarre shiirri kabinnoon Jalduu godhan akka dhabaan kan jedhu dabalate ture.
Yeroo dheeraa irraa eegalee Bishaanii fii Ibsaan magalaa Jalduu irraa erga dhabattee bubbulueera.
kanneen kana godhan ammo eergamtoota wayyanee, kabinoota Jalduuti. kan Kabinoota Jalduu raajjidhuma.
Yoo barbadan hin hiidhu. 
Yoo barbadaan warra goofittaa isanitti himanii biyyaa arsiisu. 
Jibba (lola)dhuunfaa yoo wal irraa qabatanis rakkoon hin jiru. maqaa ABO jedhu itti maxxaansanii wayyanee reebisiisu,hiisiisu.
Yeroo ammaa warani wayyanee Kabinee Ajjamaa Beeggitiin hogganamee magalaa fii baadiyyaa Jalduu keessa nannawee
ijoollee dararaa Jira.
Ajjamaa Beegii fii Ararsaa Idoosaa yakka ammana hin jedhamine ijoollee jalduu irratti kan rawwachaa turani dha.
Armaan dura Ajjamaa Beeggi Ijoollee hirrira magalaa Jalduu keessatti baate kan rasaasan rukutee fii rukuchiseedha.


 

Share this post
Repost0
To be informed of the latest articles, subscribe:
Comment on this post