Overblog
Edit post Follow this blog Administration + Create my blog
Raabbiirraa Oromiyaa

Mana Hidhaa Keessatti Rakkadhee Namas Rakkisuu Mannaa Du’u Naa Wayya :Obbo Qanaasaa Raggaasaa

February 9 2018 , Written by Raabbiirraa Oromiyaa Published on #odeeffaannoo

    

Namoonni mana hidhaa Qilixoo keessatti dhukkubsatanii wal’ansa fayyaaargachuuf jecha dhaddacha mana murtii duratti wawwaatan arguun waan baratamaa dhufe ta’e jira.

Godiina Wallaggaa bahaa magaalaa sibuu siree irraa waggaa lama dura kan qabaman Barsiisaa Qanaasaa Raggaasaa mana hidhaa keessatti dararaa irra ga’een kan ka’e milli isaanii lamaan lafa ejjechuu waan dideef jecha hidhamtoota isaan waliin jirantu baatee iddoo barbaachisaa ta’etti isaan geessa.

Duraan okkolaa mana murtii duratti dhiyaataa fi iyyataa turanis baatii lamaa as garu gonkumaamana murtii durattis ta’e maatii isaan dubbisuuf gara Qilinxoo dhaquutti hin mul’atan.Namatuu baatee isaan geessuu qaba. Nama umriin 53 fi abbaa ijoollee shanii kan ta’an Obbo Qanaasaan ofiis rakkadhee namas hin rakkisu du’un qaba jechuun guyyaa shaniif midhaan lagatan.

Ilmii isaanii kana dhaga’e kutaa biyyaa irraa gara Qilinxoo deemuun “ na agarsiiftan malee” jennan baatanii fidanii itti agarsiisan. “Bellama qaba” jechuun sagalee dadhabaan asaasan malee dubbachuu hin danda’uu jedhe.Ammaan dura Hospitaala geessanii yeroo turanti bellama ji’a lamaatu kennameef, warri wajjiin jiran iyyannaan torban lamatti kan bellamamee ta’uus kan isa dhaqqabuu hin fakkaatu yaaddoo jedhu qaba.

Abukaatoon Barsiisaa Qanaasaa kan ta’an Obbo Wandimmuu ibsaa erga dhaddachatti dhiyaate ji’a lama ta’a jedhu. Manni murtii meeerree jedhee yeroo gaafatu manni hidhaa ni dhukkubsata jechuun deebii akka kennu dubbatu. Manni murtii ajaja yoo kenne iyyu hojii irra oolfamuu keessatti duubatti harkifannaan akka jiru muuxannoo irraa beekna jedhu.

Gama kaaniin Baqqalaa Garbaa Hospitaala Ergamanti geessamuun wal’ansa argachuu isaanii maatiin ibsanii jiru.

Share this post
Repost0
To be informed of the latest articles, subscribe:
Comment on this post