Overblog
Edit post Follow this blog Administration + Create my blog
Raabbiirraa Oromiyaa

Qabsa'oota Oromummaa isaanin Midhamaan Gargaruun Qabsoof Jabina ta'a.

May 6 2016 , Written by Raabbiirraa Oromiyaa Published on #odeeffaannoo

Fiseha Birassa Ayana (Fissahaa Birraasaa Ayyaanaa) ykn Falmataa Roorroo enyuu?

Obbo Fissahaa Birraasaa Ayyaanaa Enyuu? Essati dhalatee gudatee ? Qabsoo atamii keessa turte? ga'een ykn hirmana fi gummacha qabsoo Oromoo keessati gootee?, diirqama atami faa keessa turte? Yoomi Akka Qabamte hidhamtee? Essati qabamte essafa faati hidhamtee? Murtee du'aa itti Murta'ee irra hafuu isaat mal jeedha? yoomi hidha batee? maatiin kee essa jiruu? yeeroo ama kana haala atami keessa jirta? haawwasi Oromoo mal sii gargaruu qaba? Erga mana hidhatii batee haalaa qabsoo atamtin argtee? gara fula durati maltuu goodhamuu qaba teeta ykn malfaa siireeuu qabna jeeta? Haawwas ala jiru malfaa siirefachuu qaba jeeta? Nami QBO bakkan ga’uuf jeecha yakka tokko malee waga 23 mana hidha ture kun sagaleen isaa dhokachuu hin qabuu jeene bakka ini jiruti bilbile gaafne ture.

Fissahaa Birraasaa Ayyaanaa Bara 1960 (1952) wallagga dhihaa magaalaa Gimbiittin dhalate. Miseensa ABO wagga 23 mana hidha ture baran ba’ee TPLF amasi qabdee nu waliin ta’iiti Qeerro irrati hojeedhu jeenan didee biyya gadii dhisee baqachuuf diraqme jira. Mana barumsaa sadarkaa 1ffaa fi 2ffaa achumattan baradhe.barnooti koo hanga 12 qofa yommuu ta'u.qonnaa irratti dipiloomaan qaba.

Obboo Fissahaa Birraasaa Ayyaanaa Rakkoon isaa irra ga’ee lamafa Oromoo irra akka hin geenyeef qabsoon Oromoo jabatee akka iti fufu feedhi guda qaba, hata’uu malee baroota dheera fira fi jaal qabsoo isaa irra adda cite waan turef qunammiti ini qabuu heedu murasee ta’uu irra kan ka’ee rakko fi yaadoo gudan jirenya isaa gegesa jira. Nami waga 23 mana hidha ture biya alati deemee miti biyya isaa keessatuu lafatuu itti dukana’aa. Amma illee wanti akkasii waan jiruuf ani yaaddoo dhuma jireenyaatu ni qabaa jira malee waan kana sirreessuuf rafee hin bulu.

Fissahaa Birraasaa Ayyaanaa bara Dargii dhimma buttaa inaangoo irratti qophaa'en walqabatee waggaa lamaaf mana hidhaatti torcher ta'en ture.warri hafan waggaa 11 hidhamuuf dirqamani jeedha. Qabsoo Bilisumma kan egalee basa san ta’uu isaati. Ergasi haawwi fi feedhi Bilisummaa Oromoof qabuu arifachisuuf guyya itti hin dhiphatiin olee hin jiruu. Ama ilee Bilisummaa Oromoo fi Walabummaa Oromiyaa mirkaneesu waan danda’ee akka gumachuu feedhi cimma akka qabu dubata.

Erga bara dargiti Innaangooti buttaa qalamee qabsoof wada seene irra dhabatee hin beekuu Erga bara sanaatii deggeraa ABOn true. Bara1991ammoo miseensa dhaabaa ta'e. Qabsoo ijaarsa jaarmiyaalee biyya keessaa fi qabsoo hidhannoo irraa qooda fudheera. Ga’een hojii isaa kallattiin dabballummaa yommuu ta'u hojii bulchiinsaa hojjechaa tureera. Bakka dhaabbi isaa bobasee hundati dirqama isaa ba’acha ture.

Gumaachi ini gumaache jaarmiyaaleen yeroo sana dargaggumaan ijaaraman hanga har'aa qabsoo finiinsaa jiru. Uummata Oromoo hedduu Afaan isaan akka barreessu taasiseen jira. Ummani seenaa isaa fi seenaa qabsoo Oromoo barsiisuun, diinota isaaf firoota isaa akka adda baafatu gochuu irra darbee qabsoo fula duraf isa eggatu irratti akka sabboonumaan xiyyeeffatu gargaareera

Dirqami ini keessa ture bara 1983 (1991) baatii ja'af kitaabbolee hanga har'aa irraa baratamaa jiran dhaaba irraa itti kenname 1/seenaa Uummata Oromoo1ff 2ff fi 3ffaa kumu 5 Shanii ol, Seenaa ABO, Qubee Afaan Oromoo sadarkaa 1-3 kuma 5 Shanii ol qopheessee raabsaa tureera. Dhimma dabballummaa isaa ilaallatu irratti itti gaafatamaa dabballootaa ta'e dirqama dhaabaa baheen jira. Kayyoo dhaabba irbuu seenef kayyoo koo akka lubu kootin tikisuuf waada egachuu yaaleera reebicha bara mana hidha keessati ilee kayyoo jalata koo itti dhabee sun itti ciciche jira.

Kan ini qabame bara 1985 onkoloolessa 19 yommuu ta'u UNtti kan galmaa'e 27/10/1993 jedha. Kana ini qabames Jimma A/jifaaritti.baatii sadiif ajaja Hayyalom Ari'aayaan tumamee qeensa miillaa isaa irraa fixanii, lafee qoma mirgaa fi miilla mirgaa gulubii isaa biratti cabsanii har'a illee laalatee yeroo qorraa akka isaa dhukkuba jiru dubata. Bakkeen ini itti hidhame jalqaba dhidheessa, achi irraa Ziwaayi, itti ansee finfinnee bakka qeeraa jedhamu (alam-baqqaa), achi irraa qaallittii, achi irraa ammoo Qilinxo, turree xumura kana Qaallittiitti deebi'en achi irraa hiikame. Murtee du'aa itti Murta'ee irra hafee maatii isaa arguu isaati heeduu kan gamaduu ta'uu ilee nagan biyya isaa keessa ijoolee isaa waliin jirachuu dadhabee biyya baqati deemuu isaati gada guda qaba. Utuu Oromiyaan, Bilisoomtee ta'ee kabaja fi Ulfanan ijoolee isaa waliin akka jiratuu dubata.

Man hidhati kan ini ba'e 28/02/2014 yommuu ta'u hanga gaafa biyya ba'uutti torbanitti si'a tokko tika biyyatti isaatti ramadame irraa isaa bilbilame bakka ini jiru gaafatamaa ture, bultii 15tti si'a tokko amo deemee mallatteessa true. Obbo Fissahaa Birraasaa Ayyaanaa mana hidha ijoolen isaa 4 jirenya isaati cimma ta’uu ilee lubun jirtan isaan arguu isaati gamada dha. Maatin isaa rakko jajaba keessa kan darban yamuu ta’uu ijoolleen isaa baratanis hojii qabachuu hin dandeeny. Bakkan bakka faca’an jiru. Lammiin Oromoo ijoolee isaa birra akka dhabatuu abdiin qaba jeedha. Ini gudan garuu Qabsoo wareegamu gudan itti kafalamee kana bakkan ga’uu rakkoo fi darara maatii koof maati qabsa’oota hunda irra ga’ee ilee xumura waan iti goodhuuf Oromoo qabsoo kana shafsisuu qaba.

Haallin yeroo ammaa keessa jiru Uulfaattaa dha. Ija koo mana dukkanaa keessa hedduu turuun na jaamuuf na dhukkubaa jiru illee hiyyummaa irraan kan ka'e tajaajila fayyaa argachuu hin dandeenye. Rakkon tooko tokko jiratuu ilee ergan du’aa irra hafee biyya ala ga’ee Oromoo sagalee koo dhaga’uu rakko keessati na dhisa jeedhe hin yaaduu, rakka kana keessa lamiin koo na basa jeedhe amana. Nami rakkina kana qabu kan inni hin himanne xiinxaluun nama hin dhibu. Hawwaasi Oromoo kan inni na gargaaru kanuma irratti rarra'a. Nyaata, Uuffataa fi mana karaa irratti na bira dhaabbachuu qaba. Akkan biyya kanaa gara biyyaa 3ffaa tti darbu qaama na gargaaru danda'u hundatti sagalee isaanii naa dhageessisuu qabu. Wagga 23 hidha ture hara ilee bayee galuuf diina sodachaa bakka dhokadhee jiradhuu irra bakkan soda tokko malee jiradhuti akka deemuuf Dhaabilee Mirga dhala namaf falmatan akka Oromo suport group (OSG), Mucaa fi Tullma, OSA, Ligiin mirga dhala nama falmatuu Gaanfa Afrika, Gummi Paarlamaa Oromoo if dhaabilee Oromoo hafaan hundi sagaleen koo dhagamee harka diina jala akka na basan gaafadha.

Mana hidhaatii ba'ee akkin itti sadarkaa qabsoo arge gadhee miti hir'ina hedduu yoo qabaate iyyuu harki caalaa Uummata Oromoo enyummaa isaa baree bilisummaan akka isa barbaachisu fi sanaafis qabsaa'uun akka irra jiru hubateera. Garuu rakkoon gantummaa fi hoggana wal-tumsee dhabuu ni mil'ata. Dhaaboti maqaa Oromoon ijaaraman walitti dhufanii tokkoomuu qabu. Yeros Uummatni Oromoos tokkoomaa. Rakkoon gabrumaan nu irratti dheerachuus inni guddaan tokkoomaa dhabuu dhaa.

Fuula durattis:

1/ Dhaaboti siyyaasaa Oromoo hundi maqaaf uutuu hin taanee garaadhaan tokkoomanii Hoggana cimsachuu ijarachuu barbaachisa.

2/Hawwaasni oromoo keessaa fi ala jiru ammoo warreen naannoon;gandaan;Amantiin fi maqa dhaaba siyyasaan adda isa qooduuf itti dhufan saaxiluun tokkummaa isaanii cimsachuu qabu.yoo akkana taate bilisummaan bor !!!!!

Wanti ani hin tuqin hafe guddoon sababa biyyaa ba'uu kooti. Innis nagaan biyya keessa jiraachuuf yaaleen ture.garuu Amma yommuu FXG ka'u koloneel Tamasgeen Asmallaashi jedhamu kan natti ramadame kallattiin natti dhufee "FXG kana dudda duuba ni jirta.hanga har'aa sii hobsineerra ammaan booda nuti du'aa ait hin jiraattu ammaa kaastee nu wajjin hojjechuu qabda fasilitii barbaachisu hunda mana keessa jireenyaa dabalatee sii qopheesinee jirra kun hin ta'u taanaan deebiin isaa fokkisaa dha" nan jedhe. NUTI DU'AA ATI HIN JIRAATTU. Jechi jedhu xumurri isaa du'a waan ta'efan baqadhee qullaa koo bade.

Jaal Fissahaa Birraasaa Ayyaanaa Gargarasa Oromo heeduu barbada. Nami wagga 23 mana hidha ture jeechun nama jama fi duda gadii homa hin beekuu huma hin qabu. OSA, Oromo Support group, Waldan Macaa fi Tullama ilee gargarasa akka goodhan fi akkasums xalayya degersa UNHCR akka bareesan asuman dhamachuun feedha. Tessoo jaal Fissahaa Birraasaa Ayyaanaa warii barbadan Bilbila isaa fi tessoo isaa gutuu isiin keenuuf qoophidha. Tessoo Gummi paarlamaa Oromoo kana yoo bareesitanfi wal isiin gubanmsifna. Lammii Oromoo Qabsoo Oromoo jeecha wagga 23 mana hidha ta’ee tokko yoomi ilee gatamuu fi dagatamuu hin qabuu Oromoo hundi bakka jirtan sagalee jaal kana akka dhageesani qunammtan abdi qabna.

Qabsa’oota Oromoo ija walqixan iaaluu feesisa, namoon tokko qabsoo Oromoo irrati utuu yakka hojeetan maqa qabsa’aan guya tokkoti degersa heedun yamuu goodhamuu qabsa’oon dhugan amoo yeero dagataman argina, kana siirefachuu qabna.

Share this post
Repost0
To be informed of the latest articles, subscribe:
Comment on this post
A
Jajjabaadhu
Reply