Overblog
Edit post Follow this blog Administration + Create my blog
Raabbiirraa Oromiyaa

By: Tolcha Wegi: Waayyaaneefi Dargaggoota Amboo April 1991.

December 10 2016 , Written by Raabbiirraa Oromiyaa

                    Wayyaanee fii Dargaggoota Amboo April 1991.
                    ----------------------------------------------------------------

                             
Bara 1991 Wayyaneen biyya Amaraa Goojjaam akkuma qabatteen
karaa Buree as cetee , kutaa wallaggaa keessa seenudhan oloolaa
" Duula Blisummaa fii waliqixxummaa "jedhun afarsudhan kanneen afaan Oromoo dubbatan of funduura qabidee,lola tokko malee konyaalee fii analewwaan kutaa wallagaa mara keessa fandalaliite.
Warani Dargii ini akka homaa Jaldeessa bayyatu kun, akka holaa funduura girisuu qofa ta'e.
Warani Dargii Jeneraloota Oromoo laman hogganamu itti ramadame.
Jeneral Maardasaa Leelisaa fii
Jeneraal Waasihuni. 
Warani Je/Waasihunin hogganamu, rukutamee dubatti baqate.
Warani Je/Maardasaa nannoo Geedootti lola hamaa godhe.
Inis rukutamee dubatti debi'un Meeshaa waranaa( Taankii,Madiifii PKM) kan biroo qabatanii girisanii magalaa Ambootti naqaman.
Magalaan Amboo bayyiina warana Dargii irraa kan ka'een, ciinqamitee keessumesuu dadhabideerti.
Warani Dargii fii ajajanooni waranichaa marti abidi kutaniiru.
Wayyanee funduura akka holaa girisuu malee funduura dhabbatanii akka dhiratti loluun hafee Jira.
Guyyaa duraa ,lola saliphadhan magalaan Amboo to'annoo wayyanee jala galite. 
Warani Dargii inni girriisan baqatee awwaroo fii Meexxii keessa darbudhaan mataan isaa Gincii ga'eera.
Wayyaneen magalaa Amboo keessa bashananuutti teesse.
Sirumayyuu tuffii guddiina karaa magalaa Amboo kutee keessa
darbu irratti kubbaa miilaa taphachuu eegalan.


 Dargaggooni Amboo warra warana Dargii, akka holaa of funduura
lulleesitee fidde kun, Ummata Oromoo garbummaa keessatti hambisuuf malee,Oromoof bu'aa tokkollee waan hin finneef qabsoo hidhanotiin falmmachuu qabiina, jedhanii murteeffatan. 
Magalaan Amboo haati seenaa falmii ishii gubbatti ta'uuf adeemuf
halaan of qopheesitee jiriti.

Warani Dargii ( Anbassaw,Nabiro, Wuqaw, tawariwarii Xoor kkkk ...) jedhamanii wamaman hundii baqatanii badaniiru.
Dargaggooni Amboo (Jaldu,Gindabbarat,Gincii,Geedoo,Bakkoo,Xuquur,Nonnoo,Dannoo)
dhufanii mana baruumsa Sadarkaa olanaa achitti waan barataniif
bakka tokkotti dhufanii magalaa Amboo "Ambo" jechisiisu. 
Ajajaa waranaa of keessaa filatanii , warana wayyanee 
adabudhaaf qophawaaniiru.
Ajajan isaan filatan, kan toofitaa waranaa beeku, goota waan ta'eeef 
gotoota Amboo hiriirse. Amma lubbun hin jiru ajjeefameera. Kutannoo fii murannoodhan waan qabaniin warana wayyanee
amma funyanitti hiidhatte, barbadeessaanii magalaa Amboo 
Bilisa basudhan, warana wayyanee ariyanii Gudar keessa dabarsanii "gaara Gorfootti" naqan.
Yeroo murtaween booda wayyaneen of ijartee,Madiifii,Taankii
qabattee magalaa Amboo to'annoo ishii jala olchite.
Warani maqaa " Duula Blisummaa fii walqixxxummaa "jedhamee
kutaa wallaggaa keessa qabatanii keessa darban, achuma Ambooti
dhiisanii gara Finfinneetti qajeelan.
Wayyaneen ajajaa warana ishii Alulaa dabalatee warana ishii hedduu
achitti dhabideertii. 
Sababaa kanatiin wayyaneen erga gaafa Angoo qabattee 
waggaa 25 gutuu Gotoota Ijoollee Amboo ajjessaa, hiidhaa dararama,
ammana jedhamee himamuu hin danda'amine, irratti rawwachaa
turitte/jiritti.

Wayyaneen Ummata Amboo eerga April 1991 tii 
Akka diina ishii tokkoffatti ilalitt

Share this post
Repost0
To be informed of the latest articles, subscribe:
Comment on this post