Overblog
Edit post Follow this blog Administration + Create my blog
Raabbiirraa Oromiyaa

Abdataa Rabbii Sayyidaa: Haala Hundeeffama Caayaa Tokkumma Baqattoota Oromoo Biyya Masiriif Sababni Maalii?

December 8 2016 , Written by Raabbiirraa Oromiyaa

HUNDEEFFAMUU CAAYAA TOKKUMMAA BAQATTOOTA OROMOO BIYYA MASRII SABABNI MAALI?

                             

Barreeffama kana qalbiidhaan jalqabaa hamma dhumatti dubbisaa!!!!

Rakkoo kanarraa barachuun waan hunda akka sirraahu Abdii kooti!!

Bara 2010 dhumarratti akka Anaa fi hiriyoonni koo hedduun gara biyya masrii dhufneen Oromoonni biyya sana nu dura jiraachaa turan waldaa baqattoota oromoo biyya masrii jalatti ijaaramanii haala jiruu fi jireenya isaanii keessattuu dhimma baqataa adda addaa irratti marii haala adda addaatiin geggeeffachaa turan. Yeroo sanatti Koreen geggeessituu tahuudhaan kan tajaajilaa turan

1. Dura taa’aa waldaa Sheikh yaaqob
2. Itti aanaa waldaa Biyyaa Abajabel
3. Barreessaa waldaa Gumii Abdulqadir
4. Aadaa fi seenaa Musxafaa Ahimadzakir
5. Qabduu maallaqaa Bultuu turan.
Obbo jeeylan qaasim fi obbo Gumiin baqattoota keessa leenjii Pistic/ NGO lammii America Dr nancy nama je’amuun hogganamuu tokkotti leenjii tajaajila xiinsammuu akka barachaa turanantu himama.
Haala kana keessatti warraaqsi mootummaa Hosnii Mobarak tahe. Yeroo sanatti namootni Muraasni Osoo Suudaan irraa gara masrii imalaa jiranii daandiin baaburaa waan citeef rakkoo addatiif saaxilaman. Namootni kun Oromootaa fi lammiileen Ertreatiis dabalatee baayee turan. Akka tasaa tahee odeeffannoon gara waajjira PISTIC sanaan dhufuu ture namoota haala san keessaa miliqanii tasa kaayroo qaqqaban dafanii lubbuu isaanii baraaruu fi himannaa isaanii hatattamaan gara UNHCRtti geessanii fudhatama argachiisuu ture. Namootni sun osoo waajjira UNHCR hin dhaqin “Iddoo waldaa kiristaanaa Zamalik” jedhamutti galmeen isaanii geggeeffame. Achumatti gaaffii tokko malee waraqaa keelloo ykn waraqaan galmee akka kennamuuf taasifaman. Waan kana kanneen taasisan Obbo Abdulqaadir Gumii fi Obbo Jeeylaan qaasim akkasumaas gama dubartiitiin Fatuma Galgalo haadha mana obbo Gumii turan. Hamma yeroo kanatti baqattootaa Oromoo masrii fi koree Waldaa jidduu haalli jeequmsaa tokkolleen hin uumamne.

Jalqaba bara 2011 irraa kaasee walgahii gama koomunitiin adeemsifamu irratti koomii fi qeeqa gara garaa kaasuun eegalame. Namootni faayilii isanii cufaa tahee fi namootni mandate/blue card biyya sanatti qabatanii osoo biyyi hin kennamneef yeroo dheeraaf turan hunduu qeeqa kaasuun ‘’email gara UNHCR maaliif nuuf hin barreessine, ijoollee Aswaan irraa reefu dhufan keezii isaanii miidhagsitanii fi akka isaan yeroo gabaabatti biyya kanaa bahan haala mijjeessitaniifii nuti immoo maaliif nurraa callistan, namoota gara waajjira AMERA biyya kana keessan akka bahan taasiftan akka firooma fi walitti dhiheenya qabdaniin biyyi akka laatamuuf gootan malee Oromummaa qulqulluunii miti, nuti waan kutaa akkasii taaneef miidhamne, keezii keenyaan kan biyya masrii keessa an Oromoodha je’ee bahaa jiru habashoota goojjamii fi goondarii dhufanii nuti Oromoodha Finfinnetti dhalannee guddanne ifiin jedhani malee nuti abbaan dhimmaa fayyadamaa tahuu hin dandeenye, sponsor maqaa Oromootiin ergame keessatti namootni isin fayyadamoo taasiftan namoota firoomaa fi walitti dhiheenya isin wajjiin qabu malee nuhii miti fi k.kf. jechuun gaaffiin baayeen walgahii koominiitii irratti kaafaman. Koreen koomunitii deebisuuf yaalaniis dhimichi hawaasaaf hin liqimfanne.

Haalli sun akkasumaan osoo jiruu dhimmi ijoollee Libya keessatti rakkoof saaxilamnii lafaa ka’e. Email gara garaa wajjira Gamtaa adduunyaa(UNITED NATION) FI IRC(INTERNATIONAL RED CRESESNT) Waldaa gargaarsa Islaama adduunyaa) kan dame Libya qunnamuun itti fufame. Yeroo kana keessa koomiin tokko tokko ka’e. koomiin kuniis Obbo gumiin email dhuunfaa isaatiin if beeksisuuf jecha dhaabilee kanneen qunnama kan jedhu ture. Haalli kuniis itti fufuun rakkoo yeroo dabarte bara sanaan duraa obbo Yaaqob itti gaafataamaa waldayaa gumii jidduu turte haala jeequmsaa kana keessa bifa haaraan lafaa kaafamte. Ijoollee yeroo sana reefu biyya san galle harka baafnee yeroo yaada araaraas tahee waan tokko tokko kan nutti fakkaate dubbanne isin reefu dhuftanii maal beektanii mitii usaa, nuun jedhan. Nutilleen yeroo baayee yaalluus mirga keenya yeroof nuuf hin kabajamne. Rakkoon kun hundi rakkoo hawaasaa fi koomunitii jidduu jiru cimsaa adeeme.

Barreessaa waldaa(Obbo gumii), miseensa koomunitii Abaay moosisaa, Bultuu(qabduu maallaqaa kan turte, Badrii Haaji Abdullaahii Ganamoo, obbo salamoon, Jamaal Dirree fi Roozaas dabalatee namootni baayeen koomii gara garaa dhiheessan. Nuti ijoollee sammuu oromummaa qulqulluu saniin reefu biyyaa baatedha. Jeequmsi akkasii kun nuuf haarawa. Waan keessa beeknu hin qabnu. Garuu koomiin kun baayataa deemuun isaas waa malee miti kan jedhu sammuu keessatti nu uumame. Dubbicha caalaatti kan cimse koree keessaa erga barreessaa fi qabduun maallaqaa dhugumaan rakkoon jira jedhan rakkoon kuni numa jira jennee murteessine. Sana gubbaan miseensa Adda bilisummaa Oromoo kan tahee fi sabboonummaan isaa nu hundaaf fakkeenya tahuu kan ture Badrii haaji Abdullaahi ganamoo anuu email akkasii anarratti barreessanii, akka ani biyya sana keessaa hin bane na taasisan, jedhee boohee nu hunda boochisee daranuu garaan nu bade. Bultuunis anis bakka an hin jirretti qabduu maallaqa narraa mulqanii nama biraaf laatan jette.
Rakkina kana furuuf jaarsoliin/manguddoon taa’anii araara buusuuf yaalii baayee taasisan. Jaarsummaa sana keessattiis namoota yaada wal fakkaata qaban qofaatu jaarsummaaf filame jechuun murtii isaanii Gumiin balaaleffate. Yeroo kana obbo Ubeeydi Ahimed jaarsummaan sun jaarsummaa cubbuuti jaarsummaa haqaa barbaanna, haalli raawwatame nama tokko irratti duuluu fakkaata jedhee kan dubbate. Haala kana keessatti nageenyii boorahaa adeeme. Nageenyi haa boorahuu malee furtuu koomunitii Obbo gumiinis harkumaa ture. Gaafa biroo yeroo deemu furtuun koomunitii isa duubaa geeddarame. Kuuniis rakkoo biroo nutti dhale. Namoota haarawa yeroo sana dhufneen jeequmsi kun yaaddoo guddaa nutti tahe. Kophattu mana mana keenyatti wal yaamne mari’achuu eegalle. Mariin kuniis ittuma fufe. Yeroo jalqaba gaaffii kaasan Oromoon hundi afaan tokkoon koreedhaaf gaaffii dhiheessaa turan. Boodarra garuu koomunitiin gara diigamiinsaa adeemaa waan jiruuf jedhamee namootni jalqaba yaada tokko qabaachuu turan gargar hiramuu eegalan. Koreen waldaatiis ganda keessa deemun nama sossodaachisuu eegalan. Warreen biyya biraarra dhuftanii maqaa lama qabdanii fi warreen akkasii isin biyyatti isin deebifna, waan isin mudatu ni agartan jechuun wal sodaachisaa turan.

Haala kana keessatti haalli fokkataa fi gaddisiisaan baayeen raawwataman. Obbo gumii flight isaa kan kanaadaa gubate jedhamee odeeffame. Email irratti godhame akka inni meeshaa koomuniti fi qabeenya oromoo biroo saame jedhamee odeeffame. Nuti dhugumaa laata jennee mana gumii yeroo deemnu torbee tokkoof manni isaa hin banamu. Haaluma sana keessa yaaquubillee email narratti godhamee aniis jedhe. Inniis biyya kanaadaa irraa hafe. Haalli kun wal gaggaalafata kana keessatti baaragaan namootni rifatanii fi dallanan walitti dhufanii lakkii koomunitii biraa dhaabachuu nuuf wayyaa yaadni jedhu dhihaate. 
Amma torbee tokko booda manni gumii banamee, yeroo deemnu email sana nu agarsiise. Kan yaaquub immoo email nu hin agarsiifne garuu akka hireen jalaa gubattee,dhugaa tahuu nu amansiise. Anas tahee akka hojjataa waajjira UNHCR tti Mirkaneeffadheen ture. Hundumti keenya gadda gama lameeniin raawwatame kanatti baayee gaddine. Jarri lameenuu maatii qaban. Isaan lameen osoo hin taane Maatii isaanii sanatu caalaatti garaa nu nyaate.(Ijoollee daa’ima). 
Gadda Kanaan liqimfannee yeroo muraasaaf erga turre booda manneenuma namarra adeemaa walgahii godhachuun yaada Caayaa Tokkummaa baqattoota Oromoo biyya masrii hundeessuu irratti waliif galle. Namootni kun kan jalqabarraa turanii fi kan ergasii itti ida’amantu baay’ata.


Group-1 
1. Badrii Haaji Abdullaahi Ganamoo
2. Abdulqadir Gumi
3. Bayaan Abadir/Naol
4. Caalaa Nuuree
5. Baharuddiin Rashiid
6. Abdurazaq Abduk/Abdataa Seyid
7. Muddaser Galmo
8. Najjash Taha and Fatiya
9. Mohammed Hasene/Maammee Ija banaa
10. Heeran jamal
11. Amir Kelil
12. Nuuree Ahimed
13. Jamal dirree
14. Abdallaa jamal
15. Nasibo
16. Ibsa Bushra
17. Jaalallee
18. Fuad Abdulhamid
19. Fuad haroressa
20. Ahimado
Group-2
1. Mao Aba biya
2. Awol Aba fita
3. Miftaa jimma
4. Niinnii jimma
5. Ahimed oboleessa niinnii
6. Fafi Temam
7. Jamila/siwoya
8. Hasen and Husen walo

Group-3
1. 1.Bultuu
2. Abaaye Moosisa
3. Solomon Asosa
4. Feyisa Mulatu
5. Mulis Debela
6. Seyfu Ahimed
7. Ejerso
8. Lema

Kanneen ammaaf maqaa hin yaadanne baayeetu jiru. Namootni kunniin erga walitti dhufanii yaada CAAYAA bu’ureessuu lafa kaayan booddee gara heera tumatutti erga deemne immoo namoota baayeetu itti dabalamaa dhufan. Namoota akka Mootii/ Demeysaa Hoojjataa waajira PISTIK kan turee fi namootni biroo baayeetu jira. Hadaraa namootni ani maqaa keessan hin barreessin akka natti hin mufanne. Kuni seenaaf osoo hin taane yaadannoof waan taheef na yaadachiisuu dandessan. Yeroo sanatti Aayyootiin haadha ilmaanii mana mana isaanii taa’anii nuti of sodaanna jechuun nu jajjabeessan baayee ture. Yeroo Caayaan if hundeessuuf deemu tanatti koree ce’umsaa tahuun Obbo Najjash xaahaa geggeessaa tahee hojjatuu ture.

Heeraa fi dambii ittiin bulmaata Caayaa guutuun guututti hafuura Oromummaan Oromoo taanaan eenyuyyuu gargaaruu kan jedhu ture. Jalqaba bara 2012 irraa kaasee milkiidhaan tajaajila gaarii hawaasaaf godhuun namoota baayee carraa biyya sadaffaa akka argatan taasisee ture. Namoota faayilli isaanii cufan hunda bifa haarawaan keezii fi waan mara/guutuun guututti jechun ni danda’ama rakkoo isanii wal qixxeessuun akka biyya sanirraa gara biyya sadaffaa deemaniif carraaqqii baayee godhameen milkiitu ture.Miseensi Caayaa tahanii ijoolleen dandeettii adda addaa qaban miseensa waldayaa tahanii warreen hafaniis ija Oromummaan gargaaruu fi keezii isaanii miidhagsuu ittuma fufan. 
Haalli gaariin kun osuma jiruu booda keessa rakkoon adda addaa dhalachuu eegale. Warreen waajjira UNHCR keessa hojjannuus anaan dabalee gaafa amajjii jalqaba bara 2012 Ayyaana goototaa yeroo kabajamutti vidiyoon adda addaa maramaa kan ture gara TV gaaddisa dhugaa kan Ertrea jiruun darbuu ture. Yeroo sanitti waajjirri UNHCR kaayroo Vidiyoo warreen UNHCR bakka namni itti walgahetti argamtanii isin namoota siyaasaati, maallaqa ABO’tu isiniif kafala jechuun email waldaa irraa nu qaqqabe jedhanii nu rakkisuun akka Nuti UNHCR keessa hin hojjanne dhiibbaa adda addaa nurratti godhuu eegalan. Akka hawaasatti hawaasa jidduu hafuura gaariitu jira. Garuu koomuniitiin lameen walitti gaarreffachuu eegalan. Gamaa gamanaa walirratti qabsaa’uu fi wal ololuun itti fufe.

Dura taa’aa caayaa Badrii Haaji Abdullaahi ganamoo kan tures ani miseensa dhaabaa waaniin taheef seerri naaf hin heyyamu jedhee iyyannaa galfatee miseensummaa caayaa qofaan akka turu tahe. Sanaan booda maa’oon geggeessaa Caayaa ta’ee filame. Yeroo Maa’oon dura taa’aa tahettiis baqataan Oromoo baayeen mandate argachuun haala gaariitu ture. Waldaa fi caayaa jidduttiis walitti dhufeenyi daran akka cimu taasisuun tattaaffii baayee godhe. Booda Mohammed Abbaa waajiitu filame. Yeroo inni geggeessaa tahees haalli jiru baayee gaarii ture. Baqataa baayeef haalli baqattummaa fi carraan biyya sadaffaa argachuu banamee ture. Yeroo kanatti Barreessaa Caayaa Obbo Bayaan abaadiri fi qabaa maallaqaa caalaa Nuureetiis hawaasa Oromoo hundaan baayee amantamummaan Hojii addaa hojjachaa turan. Caayaa fi waldaaniis walii galtee gaarii uumuun akka habashootni guutumaan guututti keezii Oromoo hin fayyadamne irratti hojjachuun milkii argamsiisan. Foontu foonitti aana jechuuniis akka walgahii waajjira UNHCR qaban hunda guyyaa tokkotti taasifatan godhuun wal gahii wajjiin taasifachuu eegalan. Akkasumattiis itti milkaayan!

Haalli Caayaa haga bara 2014 jalqabatti gaarii ture. Haa tahuu malee dhimmi adda addaa kan siyaasaa hojjanna moo dhimma hawaasa hojjanna jedhu darbee darbee numa mul’ata ture. Bara 2015 Erga namootni baayeen duraan achi turan biyya sanarraa deeman booddee lakkoofsi uummataa baayee heddummachuu fi akkasuma Caayaan guutuun guututti dhimma hawaasaa dhiisee dhimma Siyaasaa qofa hojjata kan jedhu koomiin baay’ate. Namootni keeziin isaanii rejektii tahu fi carraan baqattummaa isaanii dukkanaa’aa dhufe…..

Ulfaadhaa Hoyyamaa!

Osoo hin hifanne dubbisnaan waa irraa bartu!

Kanaa Ol Waanan beekurraa yoo tahu kutaan itti aanu odeeffannoon dhagaherraa isiiniifiin barreessa!

Share this post
Repost0
To be informed of the latest articles, subscribe:
Comment on this post