Overblog
Edit post Follow this blog Administration + Create my blog
Raabbiirraa Oromiyaa

Yunivarsitii Jimmaatti Kadhimamaa Dr. Daani’eel Gizaachoo jedhamu du’ee argamuun himame.

June 8 2016 , Written by Raabbiirraa Oromiyaa

Dr., Daani’eel
Dr., Daani’eel

Yunivarsitii Jimmaatti Kadhimamaa Dr. Daani’eel Gizaachoo jedhamu du’ee argamuun himame.

OMN:Oduu Waxb. 07,2016 Yuunivarsitii Jimmaatti Kadhimamaa Muummee barnoota fayyaa kan ta’e Dr. Daani’eel Gizaachoo addunyaa kana irraa du’aan boqote.Du’a Dr.Daani’eel Gizaachoo kana duubas harki mootummaa akka jiru shakkina jechuun baraataan Yunivarsitii Jimmaa tokko kan OMNtti hime.

Dr.Daani’eel Gizaachoo barnoota isaa xumuree waggaa dhuftu eebbaaf qopha’aa kan ture yemmuu ta’u dabalatanis barnoota ol’aanaatiif biyya alaatti deemee barachuuf Scholaarshipp argatee ulaagaa hunda xumuratee eeggataa kan jiru ta’uun beekameera.

Kadhimama Dr. Daani’eel Gizaachoo gochaa mootummaa Itoophiyaa hundeedhaan jibbu ta’uu isaa cinaatti, nama bulchiinsa mootummaa kana balalleefattu fi qeequ goota jabaadha jechuun barataan muummee kana OMNtti himeera.

Akka barataan kuni jedhutti Dr. Daani’eel obboleessaa isaa Lalisaa kutaa 11ffaa saayinsii hawaasaa mana barumsa garba gurrachaatti barattuus dhimma sochii oromiyaa bara 2014 irratti dhaabu isaa dubbata.

Mootummaan biyyitti akka malee nama kana kan jibbu carraa argamettetti dhimma bahuun, suumii lubbuu isaa hubu itti kennuudhaan lubbuun isaa akka darbu taasiseera jechuun dhimmicha.

Barattoota ciccimoo yuuniversiitii biyyittii muummee fayyaa keessaa barattoota 486 dorgommiif dhiyaatan keessaa barattoota 6 filaatamaan keessaa 5 ilmaan oromoo kan dachee oromiyaa irraa argaman keessaa kadhimaamaan Dr., Daani’eel tokko jechuun dubbata.

Dorgommiin carraa scholarship biyyaa Jarmani kana keessaa Dr.Daani’eel kufisuuf mootummaan ulaagaa fi qormaata irraa deddeebiin kennuu illee dhimmicha kan ilaalu faranjoota tahuun immoo Daani’eeliif daandii milkaa’ina saqe kan ture tahuus lubbuun isaa addunyaa kanarra dabarte jedha.

Ajjeecha barataa kana irratti shakkii mootummaa kana irratti qabnu haalaan kan jabeesse keessaa, wayita qorannoo eebba hojjeechuuf bahe gara magaalaa shaashamannee yeroo ture deebi’utti, mormii yuuniversiitii Jimmaatti eeggalu waliin wal qabate qaamota mootummaa meeshaa hidhataniin dorsifama turuus barataan kuni himeera.

Itichaa Guddataatiin

Share this post
Repost0
To be informed of the latest articles, subscribe:
Comment on this post