Overblog
Edit post Follow this blog Administration + Create my blog
Raabbiirraa Oromiyaa

Published from Overblog

May 16 2016 , Written by Raabbiirraa Oromiyaa

VOA. Lola ABO fi Waraana Itiyoopiyaa
bilisummaa June 2, 2015


Jaallannee Gammadaa
WASHINGTON DC—Dilbata darbe Naannoo daangaa Itiyoopiyaa fi Keeniyaa irratti waraana mootummaa Itiyoopiyaa fi adda bilisummaa Oromoo gidduutti wal waraansi geggeeffamuu isaa gaazexaan Keenyaa “Standard ” jedhamu marsariitii isaa Standard digital jedhu irratti beeksisee jira. Kana irratti VOAn afaan Swaailii illee waraanni mootummaa Itiyoopiyaa daangaa ce’ee Keeniyaa keessatti haleellaa geggeessuu isaa gabaasee ture.


Gama kaaniin garuu ABOn kan tarkaanfii waraanaa fudhanne biyya keessatti jedha. Wal waraansa geggeeffameen waardiyyaan mana barumsaa sadarkaa duraa tokko ajjeefamuu fi hospitaalli Moyaalee haleelamuu marsariitiin kun hubachiisee jira.


Loltoonni Itiyoopiyaa ammaan dura yeroo adda addaatti daangaa Keeniyaa seenaa akka turan komiishinerri konyaa Marsaabit Piitar Tukuu ibsanii jiru.


Gama kaaniin Addi Bilisummaa Oromoo duula waraanaa kan geggeessu lafa Oromiyaa irra qofa ta’uu dubbi himaa kan ta’an obbo Toleeraa Adabaa ibsanii jiru. Garuu mootummaan Itiyoopiyaa daangaa ce’uun Oromoota Keeniyaa keessaa hiraarsuun waan baratame jedhan.


Mootummaan Keeniyaa hidhattoonni ABO Keeniyaa keessa hin jiran jechuu isaa marsariitiin “Standard Digital” ibsee jira.


Share this post
Repost0
To be informed of the latest articles, subscribe:
Comment on this post