Overblog
Edit post Follow this blog Administration + Create my blog
Raabbiirraa Oromiyaa

#OromoRevolution#Abbaa Gadaa duraanii Nagaasaa Nagawoo ilaalchisee nuu dhaqqabe#Share godhaa#Dubbisaa#

October 15 2016 , Written by Raabbiirraa Oromiyaa

#OromoRevolution#Abbaa Gadaa duraanii Nagaasaa Nagawoo ilaalchisee nuu dhaqqabe#Share godhaa#Dubbisaa#


Akka Aadaa keenyaa fi akkaataa wal harkaa fuudhiinsa aangoo Sirna Gadaa Oromootti Abbaan Gadaa Oromoo tokko madaallii Sirna Gadaa keenyaa guutee yoo argame qofa ummataan filatama !

      
Fakkeenyaaf namni Abbaa Gadaa ta'uuf malu tokko yoo xiqqaatee xiqqaate madaalliiwwan armaan gadii guutee argamuu qaba :-
1ffaa - Filatamuuf dursa inni miseensa Gadaa sanii ta'uu qaba ;
Fkn :- Yoo Gadaan sun Gadaa Meelbaa ta'e ; namni Abbaa Gadaa filamu sun miseensa Gadaa Meelbaa ta'ee argamuu qaba ;
2ffaa - Umriin isaa sadarkaa marsaa Sirna Gadaa sana keessatti kan argamu ta'uu qaba ;
3ffaa - Gadaan sun kallattiin kan isa ilaallatu ta'uu qaba ;
4ffaa - Dandeettii Abbaa Gadaa isa taasisuu danda'u qabaachuu qaba ;
5ffaa - Aadaa fi Duudhaa ummatichaa kabajee kan kabachiisu ta'uu qaba ;
6ffaa - Ummata birratti fakkeenya gaarii ta'ee argamuun fudhatama Kan qabu ta'uu qaba ;
7ffaa - Yeroo Sirna bulchiinsaa aangoo Abbaa Gadummaa isaatti Waan ummataaf ta'uu Fi ummata barsiisuu danda'u irratti hojjachuun Ummata aangoo hoggansaa Isaaf laatef kallattii hundaan (gama diinagdee Fi hawaasummaatii) Rakkoo Ummata irratti mari'atee mari'achiisuun Kan ummataaf bu'aa buusuu danda'u ta'uu qaba ;
8ffaa - Aangootti fayyadamee kan ummata miidhu ta'uu hin qabaatu ;
9ffaa -
Hanga barri Aangoo isaa xumuramutti waa'ee nageenya ummataa ; waa'ee misooma biyyaa Kan haasa'uu fi Kan raagu ta'uu qaba ;
10ffaa - Ilmaan Kan barsiisuu fi Kan gorsu ta'uu qaba ;
11ffaa - Barri Ykn Marsaan Aangoo Abbaa Gadummaa isaa yoo xumurame ; Heeraa fi Seera Sirna Gadaa Oromoo eegee wal harkaa fuudhiinsa Aangoo raawwachuun Aangoo Abbaa Gadummaa qaama itti aanuuf dabarsuu qaba ; fi kkf....
keessa darbuun daangaa Aangoo Abbaa Gadummaa isaarratti dhaabbachuu qaba ! Kuni Seeraa fi duudhaa Sirna Gadaa keenyaa isa ganama Waaqayyo waliin nu uumedha ! Safuu guddaa kana tarkaafatanii argamuun bu'uura Seeraa Sirna Gadaa Keenyaatiin adabbii mataa isaa danda'e kan qabu waan ta'eef ; namichi kunis ummata Oromoo fuulduratti Seeraa fi Heera Gadaatiin adabamuu qaba ! Namichi kun (Naggasaa Nagawoo) Dhugaan lafa jiru kana ta'ee osoo jiruu ; Daangaa Aangoo isaa tarkaanfachuun Dhuudhaa Fi Safuu Sirna Gadaa keenyaa cabsee argamuurra darbee ergamtuu mootummaa gabroomfataa woyyaanee ta'uun worra ummata keenyarratti duguuggaa sanyii labsee nu fixaa jiru waliin dhaabbachuun ummata keenya ficcisiisaa jira ! Akka Gadaa keenyaatti Abbaan Gadaa tokko Guyyaa Aangoon "Abbaa Gadummaa" itti kennamee kaasee waggoota saddeettan (8)n walitti aananii jiran qofaaf Abbaa Gadaa ta'ee itti fufa ! Kan namicha "Naggasaa Nagawoo" jedhamu kanaa kun immmoo ajaa'ibuma ! Namichi kun osoo ummanni Oromoo irra deebi'ee isa hin filatin bitamtuu woyyaanee waan ta'eef qofa ; Seeraa fi Heera Sirna Gadaa keenyaa bareedaa fi dimokiraatawaa ta'e ; kan Addunyaan marti itti amante nu jalaa cabsee ergamtuu fi bitamtuu woyyaanee ta'uudhaan ijoollee Oromoo basaasuun diinaaf dabarsee laachuun isaa baay'ee kan nu gaddisiisee ; kan nama ajaa'ibuu fi kan Safuu fi Duudhaa Ummata keenyaa irra tarkaanfachuun Saba guddaa kana mataa gadi qabachiise ta'ee argameera ! Kanaafuu ; nama kana irratti tarkaanffiin madaalawaa ta'e fudhatamuun dirqama ! "Kan yoo gorsan hindhageenye ; yoo kaballaa gurra isheetti duuchanuu hin dhageessu" kan jedhan isa akkanaa kanaaf mitiiree !!

Share this post
Repost0
To be informed of the latest articles, subscribe:
Comment on this post